Quantcast
Channel: OROMP4 Studio
Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

MAKMAASSA

$
0
0

MAKMAASSA

Kaayyoon fuula kana MAKMAASSA OROMOO wali yaadachiisuu dha                                           

  • Sareen gadheen yoo diinni dhufee foon tortore itti darbate ni biriifatti
  • Titiisaa jedhanii farsoo hin lagatan 
  • Baraa sitti hammate kaa abba kee ajjesee walin nyaadhuu,
    Baraa sii tartee kaa saree kee ajjesee gumaa bafadhuu
  • Waliigalan male alaa hin galan 
  • Waliin buluuf wal-bulchan 
  • Dabuus ejersumaatu dongoraa 
  • Ilmi dhiira gaafa dhalate du’e
  • Kan dubartiin ergite du’a hin sodaatuu                                                                                        
  • Obsi ulee hayyuuti 
  • Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaate rakkata 
  • Galgalaan deemtee essa gahuuf ?
    Harree yaabattee maal dhaqqabuuf ?                                                                                           
     
  • Farda bade farda jiruun soqan 
  •  Manni abbaan gube iyya hin qabu
  • Dhugaan ni qal’aati malee; Hin citu

  • Tokko dhufuun dhirumaa dha lama dhufuun gadhumaa dha   

  • Nama yaanni miidhee; Dirmamuu hin arganii
  • Guyyaa Darbuuf Jette; Jechaa Hin Dabaree Hin Darbatiin  
  • Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku
  • Billaachi kooluu hin qabu ,Tan qabuu dhaggaa irratti uwwisa                                                
  • Oli fiiguu dadhaban, Gadi fiigu 
  • Baredde jedhanii hintala obboleetti hin fuudhan 

  • Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiisatiini 
  • Dhakaan ciisanii darbatan deebi’ee mataa nama dhaha                                                             
  • Bishaan lagaa wal hin eegu 
  • Du’a abbaatifi du’a Sangaa ilmi hin jibbu 

  • Dubbiin bay’atteef fardatti hin fe’an 
  •  Dallaan abbaa kudhanii yeroon hincufamu

  • Daa’imaa taphaa sinbiraa lubbudha 
  • Boruufuu si’abdadhe bada moluu tiyya jedhee namichi                              
  • Biyya abbaa kootiiti  jedhee injiraan moluu irratti hafe 
  • Sangaan biyya ofiitti  baroodu biyya ambaatti ni mar’ata      
  • Biyya ofiitti Lukkuun korma 
  • Biyya FARDI hin jirre HARREEN garmaamti/saggaart         

  • Wama qalte qalii tirumaan naaf gali jette jaartiin 
  • Bitaan korii mirgaan korii walgeettiin koora dha       
  • Otuu beekanii kosoodhan dadhii dadhii jedhu 
  • Akka ebbellutti sirbaan morma nama jallisaa 

  • Waa malee manni hinaaruu 
  • Waraabechi biyya hinbeekne dhaqee googaa naa afaa jedha 

  • Odoo beeknuu huuba wajjin jette sareen 
  • Kaachaa Ooluus reeffi allaattii lafuma                                                                                         
  • Harka nama tokkootiin abidda qabuun nama hindhibu 
  • Harreen waldhiitti malee ilkaan walhincabsitu                                                                           
  • Abjuun bara beelaa biddeen biddeen jetti. 
  • Sa’aa abbaan gaafa cabse ormi ija balleessa      
  • Haadha laalii intala fuudhi 
  • Jala bultiin lafaa nama butti     
  • Du’aaf karaatu gargar nama baasa 
  • Obsaan aannan goromsaa dhuga   
  • Abbaan daadhii dhugeef ilmi afaan hin’urgaahu 
  • Abbeen yoo nyaachaa bule maaddiin jala bula?  
  • Lukkun haatee hatee kan ittiin qalamtu baafte 
  • Harree hinqabduu gaangee namaa tuffatti  
  • Baraafi furguggee gad-jedhanii jala darbu 
  • Harree ganama badde galgala kurkuriin hin­-argu  
  • Fardii biraan gaha malee hinwaraanu 
  • Gadheen fira hin beektu gandaaf dallaaran buuti     
  • Warrabuu ta’een dhufaa harree ta’ii na’eegi 
  • Gad-deebtuun namaa haree ribii fuutii                                                                                         
  • Raaddi harree wajjin oolte dhuufuu barattee galti 
  • Dhiirsi harree waraabuu irra nama hin oolchitu                                                                         
  • Du’a dhoksanii awaala eessaan dhaqu 
  • Sibiilli abaan qare abbaa qale       
  • Kan argatanirra kan abdatantuu caala 
  • Nama wagga sodomaa wajjin hinfiigin
    Nama waggaa afurtama wajjin hinnyaatin
    Nama waggaa shantama wajjin hinqoosin                                                                                   
     
  • Borun hinbeeknen qoda-bukoon ishee lama                                                                                 
  • Namni bara kana ija babaase bara dhufu maraata                                                                      
  • Ofiifu hinduuti maaf ofhuuti 
  • Afaan gariin afaa gaarii caala                                                                                                       
  • Ayyaana waggaa ayaantuutu argaa 
  • Namni mana tokko ijaruu citaa walhinsaamuu 
  • Qaroomni guddatte daalle nama gooti 
  • Ni ta’a jennee harree qallee ta’uu dinnan harree gannee 
  • Eleen Cululuqaa Oolii caba hin oltu 
  • Kufani dhidhitachuun solloqaa ida’achuudha
  • Ta’a jennee harree qalle, ta’uu baannaan harree ganne
  • Erga waraabessi darbee, sareen dutti.
  • Titiisni baay’atteef qodaa hin buqqifittu 
  • Duutu duruu duutee, duutee maqaa fuute 
  • Maal haa baasuuf dhama raasuu.
  • Haa taa’uu jedhe Jaldeessi dhagaa galagalchee.                                                                         

Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Trending Articles


Raayyaa abbaa Maccaa Part 1


IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)


Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!


Jechoota Safuu


OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa


What is Cancer? - Oromo


WALALOO HAALA YEROO


Abbaa Gadaa Dabbasaa Guyyoo


Waaltina Afaanii!


seena elemoo qilxuu


AFAAN OROMOO


Mootummoota Oromiyaa durii keessaa



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>