Tarree Mammaaksa Oromoo
Kan akka fardaa nyaatu gaafa akka namaatti nyaate du’a.
Garaacha dheedhii garaatti beeki.
Midhaan warra raatuu bona bona nyaatu.
Haadha hinqabdu hakkoof boossi.
Keessumaa qamalee raafuu keessati argu.
Hiyyeessa boo’icha hingorsani hinnuu jalleesee naqa.
Sareen sarbaa hinqabdu mukarbaa hinyaabbattu.
Gadheen qalbii hinqabdu kan darbe hinyaadatu.
Kan lafatti wal hintaane muka waliin hinkoru.
Fincaan lukkuu kan arge haa himuu.
Durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe.
Arrumaa salaattee arrumaa maraatte.
Yaanni karaa hin dhaleessu.
Qilleensarratti mana hin ijaaran.
Dhugaan niqallatti malee hincittu.
Osoo gubadhuun kolfa jette akaayiin.
Eboo darbatanii jinfuu hinqabatan.
Akka cabanitti hokkolan.
Niturra malee niurra jette boonbiin.
Alaa manatti galan.
Kokkolfaa nama nyaatti gonfaan.
Katuffatantu ardaa dhaala.
Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa.
Harreen fe’aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti.
Soogidda ofii jettu mi’aayi anaa jettu dhagaa tahi.
Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar’ata.
Qeerrensa eegee hinqaban qaban gad hin dhiisan.
Muka biyya jiruun mana ijaaran.
Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan.
Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku.
Galle jette lafoon farda jala galtee.
Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hinqooru.
Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan.
Warruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ari’ee.
Iilkaan mutaan seene budaan seene.
Moluu tiyya boruufuu si’abdadhe” jedhe jaarsi aduun mataa dhoofte.
Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani.
Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti.
Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan.
Dhukkubni na ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf baase.
Cabaan baqaqatti irkate.
Ija jirtu qorsa buusani.
Ka qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti.
Ni ta’a jennaan harree qallee hin ta’u jennaan harree gannee isumaa fidaa jennaan dhaqnee dhabne.
Ollaa fi dugdaan ka’an.
Gonfoon calqaba baddeet dhoofnan kutaa hanqatte.
Gogaa naaf hafaa jedhe waraabessi biyya isa hinbeekne dhaqee.
Hriyaan garaa walii hin beekne malkaa ceetu maratti walkaksiifti.
Hiriyaa garaa firaa gadheetuu garaa hiraa.
Boriif boorri jiraa.
Garbbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii.
Hamman sii massakkare beettaa jennaan, hamman si tajjabee beettaa itti jedhe jedhu.
Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhumaa.
Sabab jette ballaan farda yaabdee.
Ijoolleen gajee torbaa anatuu keessaa korma jedhee geerare namichii jedhama.
Yaawaaq siifan ka’a, achumaanan gaayyaa koo fudhadha jette jaartiin
Niitiin afaan kaa’a barte, kabaluuf jennaan afaan bante.
Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba.
Qeesii mataa sabbataa amajaaja dabboo sanbataa jedhu.
“Haalleluyyaa yaa rabbi sooressa ajjeesi, nyaannee dhugnaa” jedhee abbaaten taskaara yaade jedhu.
Aaki Jedhan waa tufan mammaakan waa himan.
Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin qabne wayya.
Miila lama qabaataniif muka lama hin koran.
Qottoon maal nu godhe, kan nu miidhe muka keenya isa jallate jedhe mukni jigan jedhan.
Yoo hundumasaa dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhan.
Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhe.
Odoo beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan.
Mana eegaan bara eega jette sareen jedhan.
Akka garaakoo jette sareen nama gararraan bishaan dhugdii jedhan.
Biddeen nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan.
Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa jedhan.
Lafa rukutanii maggaanyaa ofiin qixxeessu jedhan.
“Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa” jette seexanni jedhan.
“Maqaan baduu mannaa, mataa baduu wayya” jette gondaan ciniintee haftee.
Ulfeessaniit ulfaatu jettet haati ilmaaf farda qabde.
Firaan boonu malee firatti hin boonan.
Harreen ofiifuu hingaltuu loon galchitiiree?
Midhaan dura facaasan sinbirri nyaattet nama dura dubbate namni komata.
Ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan.
Boru hinbeeknen qodaan bukoo ishee lama.
Argaa toleef goromsi hin ottoomu.
Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati.
Kan kunootii hiin argine kuunnotii hin argu.
Kan harree hin qabne gaangee tuffata.
Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu.
Akka ormaattan sirbaan morma nama jallissa.
Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo.
Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete.
Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi.
Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti.
Wallaalan bishaan keessatti dheebota.
Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu.
Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru.
Morki baduu mannaa mormi cituu woyya.
Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen.
Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan.
Hirriibni hiryaa du’aati.
Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa.
Afaan lafa taa’u lafee alalcha.
Horiin deegaa qilee irra dheeda.
Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan.
Bishaan malaan waaddan.
Baraan barruu horan.
Dhugaan hin qallatti malee hin cittu.
Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin.
Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan.
Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne.
Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebi’aa kaasaa.
Guddateef dubbii harretti hin fe’an.
Qaallu salphattu nama du’utti waaman.
Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan kiyya.
Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan.
Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu?
Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti.
Namni farda koorse galgala kooraa baata.
Farda hidhatan machiin tolti.
Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi.
Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa.
Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wal hin lolan.
Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan.
Olkaayaniif malee ol ka’aniif hin fuudhan.
Haati hattuun intala hin amantu.
Abbaa gabaabaa ijoolleen hiriyyaa seeti.
Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu.
Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu.
Haadha laalii intala fuudhi.
Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu jette intalli.
Hamma namaa hin Geessuu cabsa namaa hin teessu.
Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa.
Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse.
Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan.
Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde.
Anatu Caalaan ciinciraa haaduu afaan buute.
Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti.
Jaartiin bara buttaa duudde hoo luboo jechaa hafti.
Akka durii fi harka xuriitti hin hafan.
Ani hoo duruu gubattuudha jette beddeen mana keessa gubattee.
Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti.
Sangaan bara qote hedata.
Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haaddi.
Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba.
Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti.
Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu.
Hojiin waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu.
Haadhaa fi adurree hin dhaanan.
Warri guddaan aduurree wasaasaa baata.
Adurreen keessi bineensa.
Maraatuu keessi gamna.
Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate.
Waan waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu.
Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti.
Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe.
Manni of–jajjuu karaa dura.
Bor hin bekneen qoda-bukoonshee lama.
Kan of jaju hin dogoggoru.
Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti.
Ija-jabeessarraa sirbi hin fokkisu.
Duulli amma oduu hin gahu.
Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin.
Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa re’eetin.
Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran.
Ollaa fi Waaqatti gadi bahu.
Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.
Itti qabataaf cidhi ollaa jira.
Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha.
Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan.
Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan.
Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
“Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.
Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
Nama fardaan barbaadan lafoo argatu.
Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami.
Dhamaatuun dhama raaftee “weessootu na dide” jetti.
Ijjii fi ijoolleen tika baddi.
“Bagan si arge” jennaan “bagan si hin dhokatiin” jedhe hattuun abbaa manaatiin.
Maraattuu fi sooressi akka argetti haasawa.
Namni dhama’iif uumame habjuun dhagaa guura.
Fardaa fi harree okaa itti haamu, ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu” jedhe qottiyyoon
“Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.
Goondaan wal qabatteet laga ceeti.
Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata.
“Oduuf na qalani” jette lukkuun.
Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa.
Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha.
“Maali fardi ni maraatee?” jedhe waraabessi hari’ee dadhabee.
“Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolcha” jedhe Jaldeessi.
Afaan gaariin afaa gaarii caala.
Hafaasaarra afaansaa.
Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a.
Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu.
Bari fallana, takka namaa fodogaa, takka nama fondoga.
Harka abbaa tokkotin ibidda qabachuun nama hindhibu.
Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaaddu.
Dhabaaf malee sombi kan sareeti.
Qaroo dhabeessi “maal barbaadda” jennaan “ifa” jedhe.
Re’een kan tokkoo raafuun kan tokkoo, kis jennee kiisii dabalanne.
Dureessi kennef deegaa hudduun dhukkubdi.
Yoo itti hubatanii ilaalan tafkiin ija qabdi.
Kan haadhatti barte amaatiitti.
Arge jettee hin foksin, dhagahe jettee hin odeessiin.
Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata.
Kan tokko qabdu hirriiba hin qubdu.
Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa.
Akkuma dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate.
Sagal ka’uu irra sagal waamuu wayya.
Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami.
Ani badeen waan bade hin galchitu.
Namatti himu malee, namatti hin hidhan.
Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu du’a.
Okkoteen waaqa hin beekne, eelee bishaan kadhatti.
“Nyaadhee sifixuu dadhabus, haadhee siballeessuu dadhabbaa” jette lukkuun.
Gowwaan gingilchaatti bishaan waraaba.
Dhiiraa jirtu dhiirummaa hin dhuunfatan.
“Dhabaan hin galani” jette haati hattuu.
Ameessi okolee dide okkotee hin didu.
Dullachi waan garaa qabu alba’a.
Iyyitee hin beektuu iyyinaan “Badaa, badaa” jette.
Qalbii malee ijji hin argitu.
Maqaan erbaniif haarawa hin taatu.
Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti.
Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise.
Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti.
Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti.
Hammaatanis hammaaranis dhuma hin ooltu.
“Numaaf haati hin bane” jedhe gowwaan haadha ajjeese.
Osoo garaan addaan nama hin baasin, karaan addaan nama baasa.
Namni ilkaan miidhagu, hidhii walitti hin qabatu.
Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada.
Re’een baala agarte qeerransa hin argitu.
Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu.
Bara gaddaa mataa lafa godhu.
Bara quufaa lukkuutu dhuufa.
Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha.
Mucaan du’aaf dhalate wareegaan hin guddatu.
Itti himne yoo dhageesee, itti kennine yoo olkeesee.
Waan dhufu hin beekanii saree tana akaayii barsiisaa.
Abbaan cabsaa ofitti hin xiqqeessu.
Abbaan of hin argu; dhakaan of hin darbu.
Billaachi ofiifuu hin qabduu dhagaatti uwwifiti.
“Yaa anaa durii” jette cirrin fadrdarraa kuftee.
Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa.
Quufan malee hin utaalani utaalan malee hin cabani.
“Godaa mannaa godoo wayya” jette haftuun.
Tika didaan dhiyaana dida.
“Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiin” jette sokoruun.
“Moo yaa afaan” jedhe funyaan.
Manni ija daha malee, gurra hindahu.
Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan.
Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa.
Bakka loon hin oolle dhoqqee hin argani.
Cuunfaa baay’isuun dubbii gogsuudha.
Duubaan dulluma jettee jaartiin tokko ragadde.
Irreen hin moyan, alagaan hin boonan.
Eega kooraan dammaqe fardummaa maaltu jira, eega dubbii dadhabee.
gamnummaa maaltu jiraa.
Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu.
Leemman bareeddeef marqaan hin mi’aawu.
Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran.
Leenca humnaan roorrisu, qamaleen malaan ajjeefte.
Lukkuun biyya hin qabdu, bakka bultu hin dhabdu.
Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa.
Mucaan ” nyaanyaa” jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu.
Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
“Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee” jette jeedalli sareen.
Ari’ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi.
Baran barruu koran.
Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira gaheetu hubata.
Abjuun bara beelaa buddeen, buddeen jetti.
Tafkiin gaafa haxaawan, gowwaan gaafa gorsan itti abaasa.
Namni namaaf qoricha.
Marartoon du’a hin oolchu.
“Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko.
“Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.
“Ani hin hanbifannee, ati hin qalbifanne” jedhe namichi.
“Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.
Ijaafii saree namarraa hin deebisan.
Jaalala ishee hin beektuu dhungannaan boossi.
Dhagaheef heerumtee, argeef deesse.
Nama horii hin beekneef, lukkuun luka lamaa horiidha.
Namni dhama’iif uumame abjuun dhagaa guura.
Gowwaan isa darbe malee isa dhufu hin yaadu.
Abshaalli ofii nyaatee, gowwaa afaan diba.
Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti.
Hin bari’u seetee manatti hagde.
Humna qarqa baasuufi soora ganna baasu abbaatu beeka.
Kan abdatan irra kan argatantu caala.
Barcuma ulfinaa abbaatu of jala baata.
Jabbiin hootu hin mar’attu.
Waraabessi biyya ofii nama haanyaatuu.
Kan citaa hinqabneef kan citu baasti.
Ijibbaata beelaa eelee sagal dhaabu.
Hiyyeessa irraa liqeeffachuu mannaa sooressa kadhachuu wayya.
Nuugiin tumanii nyaatan, humna baaterra hin jirtu.
Nagaroon qoree baala bakkanniisaa, harsaamessatti saadiru.
Maraattuun keessi fayyaadha.
Citaa malee mana hin kabatan.
Arbi lama yoo wallole kan miidhamu sambaleeta.
Abbeen nyaataa buleef qabateen jala hinbulu.
Alagaa ilkaan malee garaa isaa hinargani.
Qunnii buqqisaniit, abaabilleetti darbu.
Raafuun hanga okkoteen qabatu affeelan.
Tafkiin utaaltus laga hin ceetu.
Tokko namaatu nama dida, kan lammata abbaatu of dida.
Suuraan gaariin abbaa fakkaata.
“Takkuman kufee, suutan ka’a” jette jaartiin
Qunxur mana fixxee cimmif mana gattii, jedhan.
Muka koruun nama hin dhibu, bu’utu nama dhiba.
Surree namaa ergisani irra hin taa’inii hin jedhani.
Ibiddi garaa foon hin waadu.
Dubartiin fira hin qabne mana masaannutti baqatti.
Hiriyaa malee dhaqxee gaggessaa male galte.
Hiyyeessi har’aa quufeen bulaatti duutee bulti.
Boolli guyyaa argan halkan nama hin nyaatu.
Hudduu abbaan dagate tusseen sagal ciniinti.
Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu.
Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula waaqatu nama tolcha jedhe jaldeessi.
Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa.
Malaaf malli jira mucaaf harmi jira.
Adurreen riphattee hantuuta argachuu hin ooltu.
Kan gabaan dhaga’e gowwaan galee niitii dhokse.
Galgala maal nyaanne jennaan rafnee bulle jedhe jedhan.
Akka haroon hin guunne akka raachi hin duune jedhan.
Tikseen taakkuutti dhiistee dhumdhumatti kaati.
Kan si tumetu na qoree.
Namni gaafa hiyyolee qurri isaa duude osoo hiyyolee jeduu hafa.
Warra afaan walii beekuu, harreetu balbala cufa.
Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi .
Yoo dheeraan tarkaanfii malu, gabaabaan hulluqaa malata.
Maqaan baatu fi karaan baatee hin deebitu.
Saree adeemtuu dill’uu goromsaatu darba.
Mi’a wal fakkaatu walbiratti fannisu.
Hantuunni farroofte qara eeboo arraabdi.
Lubbuun abbaan gate lama hin bultu.
Harki tokko ni dhiqa malee,hin qulqulleessu.
Maal baasuuf dhama raasu.
Wacitii abbaan cabsee kaa’e, kan dhiqee kaa’e itti kakata.
Raafuu fixee rafuu dide.
Keessa keessa adurreen bineensa.
Osoo horiin hin galin hattuun mooraa guutte.
Fuulli fi nyaanni dhoksaa hinqabu.
Ilmoo bineensaa foontu gara bosonaa heda.
Kan akka walii loon walitti yaafatti.
Kan ilkaan ofii dhalchu, kormi hin dhalchu.
Wanta odeessanii fi wanta bobeessan hin dhaban.
Dhabaaf malee cirriin cooma kajeelti.
Garaa laafinatti, alaltuun bishaaniin nyaatamte.
Roobiin garbaa baatee, fiixeensa arraabdi.
Salphoo soqolatte, soqolaa gargaaru.
Salphinni abbaa lafaa bara midhaan bade.
Galaanni bakka bultii hin qabne, gudeelcha guuree deema.
Qarri qara hin muru.
Tafkiin lafatti walnyaatti, namarratti wal baatti.
Kan mana qabu mala hin dhabu.
Firri wallola malee gaafa rakkoo wal irratti hin ilaalu.
Bishaan darbe hin waraaban.
Daakaniif hin marqan, dharra’aniif hin argatan.
Madaan qubaa abbaa guba.
Sanyiin waan facaasan magarti.
Ofii nyaatan ormaa laatan.
Gaddeemtuun namaa harree ribbii hormaata fuuti.
Beekte beekte jennaan niitiin qeesii kitaaba miiccite
Waan qabaniin gabaa bahu.
Maanguddoo fi eeboo dura hin dhaabbatan.
Na argaa na argaan na dhoksaa fida.
Haatii fi gabaan waan namaa kennitu hin beekan.
Jaartii soba raftu, qaqawweessi hin dammaqsu.
Kan dulloome jaarsa, kan du’u dargaggeessa.
Gurri dabarsaan ollaa walitti naqa.
“Yaa saree ciidhni akkami” jennaan “isa quufe hin kadhatu, isa beela’e immoo ni dhowwatu” jette.
Duuni biyya wajjinii, hirriiba jette jaartiin.
Ifaan sooratan dukkana daakkatu.
Waan gaarii seetee mimmixa dhuka ykn bobaa jala kaawwatte.
Jarjaraan re’ee hin horu.
Gowwaa al tokko arrabsi, innuu lammata of arrabsa.
Ijoolleen nyaataaf waaman ergaa seetee diddi.
Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane.
Sinbira lubbuuuf kaattu ijoolleen tapha seeti.
Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata.
Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti.
Lama na hin suufan jette jaartiin qallubbii hattee.
Humnaan nyaataniif,humna hin ta’u.
Muka jigetti qottootu baay’ata.
Arrabakoo yaa laxxisaa, situ faallee na hanqisa.
Of hubde yaa dhakaraa kan harkaan mukatti of buufte.
Osoo hin hubatiin harka hin gubatiin.
Irra turuun farda uruudha.
Takkaa diimanne jette nuugiin.
Namni namatti jennaan, erbeen saawwanitti jette.
Bakka arfaasaa dhaabbatan, birraa dhaabbatu.
Kan barri namatti fide,hiriyaan namatti qoosti.
Kan bonni ajjeese,ganni maqaa fuudha.
Harkaan kennanii, miilaan barbaada deemu.
Barri ni darba, taajjabni ni tura.
Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa.
Kan qunnaan galata hin ta’iin daa’ullaan galata hin ta’u.
Aadaa fi aduu ni dhokatan malee hin badani.
Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiseeti.
Caama ganamaa kan beekuutu ho’ifata.
Dololloon nama hin fudhatuu laga guddaa nama geessi.
Biyyaa bahaan malee biyya hin yaadan.
Dhalee lakkaawu dhadhabee jettee kurupheen tokko dhaltee.
Dheeratteef leemmanni gudelchaa hin taatuu.
Holqaa seenani dukkana hin sodaatan.
Hora bu’anii dhoqqeee hin lagatan
Of jajjuu hantuutaa eegeen lafa hin gahuu.
Hamii fi eegeen abbaa duubaa oolti.
Deemaa oltu barattu malee barumsaa hin argattu.
Gabaabbatu iyyuu abbuma warraatu diinqa taa’a.
Ibidda rafe huubni achuu kajeela.
Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe waraabessi.
Buddenni nama quubsu eeleerratti beekama.
Re’een kan ofii hin beektu sareedhan eegee gad qabadhu jetti.
Waraabessa darbee sareen dutte.
Osoo hin hubatin hin dubbattin.
Harree ganama bade galgala kurkuriin hin argu.
Roobuus caamus ijii misiraa lama.
Bakka oolan irraa bakka bulantu caala.
Akka qottiyyoon gooba jettee raachi dhootee duute
Hiriyyaan garaa walii hin beekne guyyaa hunda kakuudha.
Abjuu sodaatanif hirriiba hin dhiisani.
Kan garaan yaade miilii ganamfata.
Miximixaa harkaan dhaabanii gubaa himatu.
Namni yaraan imaanaa gatee lafti yaraan sanyii nyaattee.
Olkaa’an malee ol ka’anii hin fuudhani.
Harreen hidhaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite jedhe.
Qunceen wal gargaartee arba hiiti.
Adurreen kan bakka loon oolan hin beekne galgala aannan dhugdi.
Midhaan warra gowwaa bonaa ganna nyaatu.
Abbatu of mara jedhe boofni.
Abbaan mana jiraa gurri ala jira.
Adda nyaataniif hin gabbatani.
Ijji gamnaa dura boossi.
Tanaa warri rafnaan jette sareen.
Harree hin qabdu farda namaa tuffatti.
Jiruu fi soddaa hin tuffatani.
Ijji badduus bakki ijaa hin baddu.
Harki hanna bare dooluuttuu socho’a.
Dubbii barbaada sareen gabaa baati.
Gorsa diddu du’a hin diddu.
Muka beekan qoricha hin se’ an.
Heexoo galataaf oso hin taane qorichaaf dhugan.
Ilmii fi biqilli guyyaa malee hin dhalatu.
Kan dhaabbattee si hin agarre, teessee si hin argani.
Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu.
Tiruun bulte lafee taati.
Cubbuu sodaachuun booruuf.
Dallaan abbaa kudhanii yeroon hin cufamtu.
Daangaan jaalalaa afaanii baasanii walii laachuudha.
Deeganiif hin du’an.
Deegarra ulfaatti jedhee namtichi ashaboo mataatti baate.
Duutiifi dullumni hin hafan.
Eeboo darbatani jinfuu hin qabatani.
Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu.
Fiigee fiigee kormi sangaa ta’a.
Fooliin gaariin kannisa harkisa.
Foon lafa jiru allaattii lafa irratti wallolti.
Abbaanuu hin gallee, fardaaf booyyanni.
Adda baane jedhe namtichi furrii fudhatee.
Lagaatu walitti yaa’a malee garaan walittii hin yaa’u.
Gadheen niitii, dhiirsa hamatti.
Yoon ani du’e araddaan hin margin jette harreen.
Ofiifu duutii maaf of huuti.
Foontu fooniif rifata.
Naatu beekaan beekkumsa hin taatu.
Akka kufanii hin cabani.
Bittaa wallaalanii gabaa komatu.
Fardi badaan farda balleessa.
Harmaatu lama malee aannan tokkichuma.
Badiin saree gaafa duute.
Guddatee guddatus gurri mataa hin dabartu.
Akka beekan bulan.
Lukuun abbaanis qabu, bineensis qabu iyya hin dhiistu.
Tunis dhukkuba taateef tessuma nama dhowitii jedhe namichi dhullaan qabde.
Yoo akka nyaattu homaa hin taatu yoo akka aadduu barana him baatu.
Saroonni walnyaatti kan ishii nyaatu hin argan.
Namni Jireenya isaati fakkaata.
Hamma fedhe guddatan, gosa ofii hindarban.
Nama guddisuun of guddisuudha; nama xiqqeessuun of xiqqeessuudha.
Jaarsi du’aa adeemu si hin abaariin, bishaan gu’a gahe si hin nyaatiin.
Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette.
Mana balbala malee hin seenan, utubaa bakka malee hin dhaaban.
Muka jalaa ol Koran malee, gubbaa gadi hin koran.
Waraabessi waa nyaatu tokkuma kan maqaan badu hunduma.
Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette adurreen.
Bakka sareen jirutti, namatu dhuufee hin gaafatan.
Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu.
Karaan sobaan darban, gala nama dhiba.
Foon naaf kenneet, albee na dhorkate.
Adurreen garaa muratte, leencaan qixa nama sodaachifti.
Garaa murtii murate, bishaan raafuutu gabbisa.
Garaan murtii hin qabne, diina abbaati.
Namni namumaa, ija nyaadhu” jette allaattiin.
Gara jabeessa heexoon hin albaasu.
Qeerransa eegee hin qaban, qaban gadi hin dhisan.
Ijji dhugaan boosse, imimmaan hin dhabdu.
Mari’ataan gowwaa hin qabu.
Maraatanii biyya hin bulchaan, mari’atanii malee.
Maqaa ni bitan malee, hin gurguran.
Maqaa hannaa, abbaatu ofirraa eega.
Hirriibni baay’een duumessa hiyyummaati.
Bishaan lagaa dhume jennaan boosettiin ilil jette.
Qoree dur dirteef hiyyessi okkola.
Adaamiin olla agamsaa, imimmaan hin qoorfattu.
“Sangaa ofiinuu alba’u eegee qabdee raaftaa?” jedhe manguddoon oromoo.
Dubbiin rabbi suuta.
Namni kadhachuu hin dhiisu, rabbi waan murtee hin dihiisu.
Bakka rabbi itti nama hidhe, funyoo malee ijaajju.
Manni waaqni ijaare hin jigu.
Bagan kufe, bagaan ka’e, kan naqabuu fi kan na dhaabu addaan baafadhe jedhe namtichi.
Kan offii buletu nama bulcha.
Dheebotan malee, mi’aa bishaani hin beekan.
Gubattee hin agarree, abiddatti gamti.
Boora’u malee hin taliilu.
Oduun soora (nyaata) gurraati.
Waan biyyaa bilbilli iyya.
Quuqaa cinaacha jalaa abbaatu beeka.
Namni mataa isaatii hin tolle, namaaf hin tolu.
Bakka hin rafnetti hin muugan.
Namni ija takkaa biyyeen hin taphatu.
Garaa nagaa qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.
Ejersa halaalaarra qobboo qe’ee wayya.
Obsaan aannan goromsaa dhuga.
Fira dura bahan malee, fafa duraa hin bahan.
Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti.
Bareedde jedhanii obboletti hin fuudhani.
Ija laaftuun dubaraa obbolessa irraa ulfoofti.
Malannee bolla lama qotanne jette hantuunni.
Wallaalaan bishaan keessa dhaabatee dheebota.
“Yoo waraabessarraa hafte keenya” jette sareen, harreedhan.
Yaadni hamaan nama huqqisa.
Fuula ilaali na elmadhu jette harkuun.
Kan leenci naasise hindaaqoo baqata.
Afaan qabachuun hunda to’achu.
Obbolessi kan walin dhalatan qofa miti.
Hunda dubbatan garaan duwwaa hafa.
Eelan eelee dhaabbatan.
Afaan gaarin afaa gaari caala.
Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti.
Firri dhufe jadhanii dhabaa hin dhalanii.
Gowwaan bakka rafe hunda mana se’a.
Waan warri waarii jedhu ijoollleen waaree jetti.
Nyaataa fi lola abbaatu tolfata.
Ilmoon huntuutaa gumbii uraa haadha jalatti barti.
Sossobbiin madaa hin foyyessu.
Harree fi gadadoon nama irraa hin gortu.
Nama jechi hin madessine waraanniyyuu hin madessu.
Namaan garaan ga’atti garaan lafa nama ga’a.
Dubbiin baay’atetti harretti hin fe’ani.
Harka abbaa biraan ibidda qabun nama hin dhibu.
Waaqni duumessaa’e roobuu hin oolu.
Kan qaban qabaa hin guunnne gadhiisan bakkee guutti.
Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin.
Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu.
Mana waraaabessaatti foon liqii hin dhaqan.
Ariifataan hori gata.
Hindaaqqoon haate haatee albee ittin qalamtu baasti.
Namni akkaataa fardaa beeku ulee fardaa hin bobessu.
Abbaa dhokseetu akaakayyuu himata.
Yoo baay’ate dammis ni hadhaawa.
Warra walnyaatu jidduudhaa waa nyaatu.
Harki waaqni namaan qabe xurii hin qabu.
Ukkaamamee raafamnaan aannanu qabee cabsa.
Tuullamanii taa’anii waaqa ofii hin komatan.
Sirbaaf dhufanii morma hin qusatan.
Ofii jettu miyaa’i yookaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe soogiddaan.
“Iyyan malee hin dhalchanii?” Jedhe kormaan hoolaa korbessa re’en.
Alagaa fi dukkanatti ija hin babaasan.
Sanyiin buqqee miiciraantu hadhaa’a.
Yaa cubbuu “essa dhaqxa” jannaan “bakka itti na ergan” jatte.
Sa’aa eegee hin qabne cirriin hin sodaattu.
Bobbaa yoo tolan gala tolan.
Du’arraan baqadhatti mana du’aa seente.
Karkin ofii madaa’ullee, muranii hin darban.
Mana ormaa bareedaarra, godoo ofii wayya.
Hoolaan abbaa gaarii qabu, dubboo ala bulcha.
Jibichi essatti eeganii jabbii kessa oola.
Hagam ol fagaattus allaattii reeffi lafa.
Bara humna qaban sagaliin lolu, bara humna hin qabne sagalee tolu.
Yoo rakkatan fala barbaadan.
Bakakkaan akkanaanu natti gamu muka jala na geessite.
Osoo akka yaada namaa tulluun diriiraa ta’a.
Adala gowwoomsuun suuta suutani.
Addaatef ilkaan alanfachuu hin dhiisu.
Ablee qara lamaa beekaatu itti fayyadama.
Bakkuma dhaqqabani kan hoqqatan.
Bakka itti citanitti citaa haammatan