Quantcast
Channel: OROMP4 Studio
Viewing all 117 articles
Browse latest View live

Jaal Marroo Fala roorroo!

$
0
0

Jaal Marroo
Fala roorroo!

Image may contain: 1 person


____________
Jaal Marroo dhaloota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fincilli Diddaa Garbummaa miixatee dhale Hangafoota keessa isa tokko.

Marroon ilmi sabaa kun barnoota sadarkaa 1ffaa, lammaffaa fi qophaa’inaa akkuma xumureen Yuunversiitii Finfinneetti ramadamee muummee barnoota Management keessatti barataa ture. Yerooma barataa ture kanatti gaaffii barattoonni Oromoo Mootummaa abbaa irree irratti kaasaniin wal qabatee hidhamee hidhaas ture. Roorroo kanaan itti dhufeen wal qabatee Fincila Diddaa Garbummaa muddee 2005 labsameen booda barattootaa fi Qeerrowwan Oromoo kallattii isaanii gara Carraa qawwee kaasuuf affeerte keessaa Marroon tokko ta’ee argame.
Haala kanaan gara Zoonii Kibbaatti qajeele. Bara 2006 dirqama bobbaatiin gara Finfinneetti deebi’e. 
Kun kanaan osoo jiruu walakkeessa 2007 keessa baatii Caamsaa keessa Mootummaan gabroomfataa tika isaa biyya ollaa gama Keniyaatti bobbaasuun Engineer Tesfahun Camadaafi waahila isaa Engineer Mesfin Abbabaa qabuun harka isaa galfate. Yeroon kun egaa mooraa qabsoo Oromoo akka haarayatti bifa addaan sochii eegalteef yeroo haalan hamtuu turte. Qabamuu jaallan kanaan walqabatee gaga’amni fi saaxilamuu hamaan Riphee loltootaaf dabballee uummataa irratti raawwate. Yeroo kanatti Maroon/Kumsaan dirree qabsoo Bosonaatti deebi’uuf dirqame.

Osoo hin turre bara 2008 gama jalqabaa Mooraa QBO keessatti fottoqinsi tahe. Mooraan dirree kibbaas waldiddaa dhalate kanaaf saaxilame. Sababaa kanaan WBOn qoqqoodame. Kanaan wal qabatee diinnis haala mijaawaa kanattı fayyadamuun qabsaahotatti bobba’e. Egaa yeroo kanatti jaal Maroon faana balleeffachuuf gara biyya ollaa gaanfa Afrikaa ka birootti sosso’e. Haala kanaan carraan biroon Jaal Maroo isa quunnamte. Tikni mootummaa abbaa irree harki isaa dheeraa waan taateef mootummaa Ugandaa qabsiisuun akkuma Tesfahunif Mesfiniin harka galfatan isas butuuf yaalii guddaa godhan.

Namoonni Oromoo naannoo san qubatan dafanii dhaqqabuuniif akka dabarfamee hin kennamne irratti dalagan. Akka kanaan mootummaan Uganda ganna tokkoofi baatii muraasa itti murteesse. Nama ogeessa Seeraa beeku qacaruun jala bu’uun akka hordofamu taasifame. Murtee itti murtaahes fixatee bahe. Achirraas baafate, egaa osoo akka namoota kaani biyya jijjiirratee jiruu mataa isaa osoo jiraachuu dandahuu, “kaayyoo koo hin sharafu” jechuun gara dirree qabsootti deebi’e.

Yeroo gabaabduu booda gama Lixa Oromiyaatti deemuun (Ertiraarraa ka’uun Sudaan keessa Miillaan baatii sadii deemee Begii ga’uun) tokko jedhee waraana ijaarrachuu eegale. Wareegama jaal Laggasaa Wagii bara 2009 walqabatee jaallan faca’an deebisee dhaabe. Sochii isaas jabeeffate, dhaloota qubee Qeerroo dammaqsuu irratti xiyyeeffachuun dhaloota fincilaa naannoo san irratti jabeesse.

Namni kun mootummaa Tigiree lubbuun isa adamsu jalaa miliqaa qabsoo hadhaawaa geggeessuun lubbuun har’a gahe jira. 
Jaal Marroo waliin gara fuulduraatti

Jaal Maroon dhaloota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fincilli Diddaa Garbummaa miixatee dhale Hangafoota keessa isa tokko.

Marroon ilmi sabaa kun barnoota sadarkaa 1ffaa, lammaffaa fi qophaa’inaa akkuma xumureen Yuunversiitii Finfinneetti ramadamee muummee barnoota Management keessatti barataa ture. Yerooma barataa ture kanatti gaaffii barattoonni Oromoo Mootummaa abbaa irree irratti kaasaniin wal qabatee hidhamee hidhaas ture. Roorroo kanaan itti dhufeen wal qabatee Fincila Diddaa Garbummaa muddee 2005 labsameen booda barattootaa fi Qeerrowwan Oromoo kallattii isaanii gara Carraa qawwee kaasuuf affeerte keessaa Marroon tokko ta’ee argame.
Haala kanaan gara Zoonii Kibbaatti qajeele. Bara 2006 dirqama bobbaatiin gara Finfinneetti deebi’e. 
Kun kanaan osoo jiruu walakkeessa 2007 keessa baatii Caamsaa keessa Mootummaan gabroomfataa tika isaa biyya ollaa gama Keniyaatti bobbaasuun Engineer Tesfahun Camadaafi waahila isaa Engineer Mesfin Abbabaa qabuun harka isaa galfate. Yeroon kun egaa mooraa qabsoo Oromoo akka haarayatti bifa addaan sochii eegalteef yeroo haalan hamtuu turte. Qabamuu jaallan kanaan walqabatee gaga’amni fi saaxilamuu hamaan Riphee loltootaaf dabballee uummataa irratti raawwate. Yeroo kanatti Maroon/Kumsaan dirree qabsoo Bosonaatti deebi’uuf dirqame.

Osoo hin turre bara 2008 gama jalqabaa Mooraa QBO keessatti fottoqinsi tahe. Mooraan dirree kibbaas waldiddaa dhalate kanaaf saaxilame. Sababaa kanaan WBOn qoqqoodame. Kanaan wal qabatee diinnis haala mijaawaa kanattı fayyadamuun qabsaahotatti bobba’e. Egaa yeroo kanatti jaal Maroon faana balleeffachuuf gara biyya ollaa gaanfa Afrikaa ka birootti sosso’e. Haala kanaan carraan biroon Jaal Maroo isa quunnamte. Tikni mootummaa abbaa irree harki isaa dheeraa waan taateef mootummaa Ugandaa qabsiisuun akkuma Tesfahunif Mesfiniin harka galfatan isas butuuf yaalii guddaa godhan.

Namoonni Oromoo naannoo san qubatan dafanii dhaqqabuuniif akka dabarfamee hin kennamne irratti dalagan. Akka kanaan mootummaan Uganda ganna tokkoofi baatii muraasa itti murteesse. Nama ogeessa Seeraa beeku qacaruun jala bu’uun akka hordofamu taasifame. Murtee itti murtaahes fixatee bahe. Achirraas baafate, egaa osoo akka namoota kaani biyya jijjiirratee jiruu mataa isaa osoo jiraachuu dandahuu, “kaayyoo koo hin sharafu” jechuun gara dirree qabsootti deebi’e.

Yeroo gabaabduu booda gama Lixa Oromiyaatti deemuun (Ertiraarraa ka’uun Sudaan keessa Miillaan baatii sadii deemee Begii ga’uun) tokko jedhee waraana ijaarrachuu eegale. Wareegama jaal Laggasaa Wagii bara 2009 walqabatee jaallan faca’an deebisee dhaabe. Sochii isaas jabeeffate, dhaloota qubee Qeerroo dammaqsuu irratti xiyyeeffachuun dhaloota fincilaa naannoo san irratti jabeesse.

Namni kun mootummaa Tigiree lubbuun isa adamsu jalaa miliqaa qabsoo hadhaawaa geggeessuun lubbuun har’a gahe jira. 
Jaal Marroo waliin gara fuulduraatti!


soonaan jaalalaa

$
0
0

Image may contain: 2 people, close-up

soonaan jaalalaa kee
guddaa natti argamaa
na jaalladhu sin in jedhu
adaraa dirqamaa
oonneen dhiigan hojjetta
sombii qillensanii
rabbii walitti nu haa fiduu
karaa in beekaminnii
halkaan abjuu keessaa
yaada keen fonqolchaa
guyyaas hojii dhabee
chat irra na olchaa
bilbilan bilbilu
tasa narra in kastuu
hamma yoomitti egaa
kanat na dhamastuu
nama jaallattanii
dhiigaa itti wakkattu
jaalalli kee miitee
na gotee maratu
jaalalaan na miitee
callisu filatte
rabbii sif haa laatu gocha ati gootee
jaalalaf bakka kennun 
maaf sitti wakkata
dhuga an sitti himuu
maf dhara fakkata
dhugan si jaalladhe
simadhu furadhu
ballisi itti yaadi
bakka itti laadhu
qufa’uu dadhabee
na axxifachiisaa
hiriyaa dhokfadha
suman na yaachiisa
dhibee dawwa hin qabne
na keessatti argamee
booda akka waa hin jenne
Ergaan siif miidhameee

Ati anaaf addaa

$
0
0

Image may contain: one or more people and outdoor

Ati anaaf addaa
Hiikumti maqaa kee
Yeroo ittii yaaduu
Gaariin amaala kee
Jechaa ol ta’ee
Qalbii nama hanqooqaa
Akkannii itti si uumee
Saafuu hojii waaqaa

Rifeensaa mataa kee
Hangaa qeensaa millaa
Dhiiri si ilaalee
Hamummataa oolaa
Kan mudaa in qabnee
Miidhagduu waa maraa
Har’a yoo odeessee
Xinneessee waan yaraa

Konkonnii fuula kee
Yommuuttiin ilaaluu
Dhibeen yoo na qabdee
Dokteerin nan yaaluu
Funyaan kee dhaabbatee
Qarattii ijaajjaa
Dhirrii si ilaalee
Dhaabatee fajaajaa
Maddii kee ilaallan
Burtukaana diimaa
Miidhamee jaalalaan
An kararraan adeemaa

Ilkaan kee ilaallaan
Baddeessaa fakkaata
Dokteeriin na yaallaan
Dhabeera furmaata

Jaalalli kee cimee
Mormaatti na hudhee
Kana hunda sitti himee
Fala naaf laadhumee
Guntuuta ilaalee
Namni in ofkaaluu
Mudhii kee ilaallaan
Hundu mudaa in qabuu
Deemsa kee ilaalee
Dhiibamaatu fayyaa
Kan sin millatamee
Dhaabateetu iyyaa

Qalloo akka soonsaa
Kan mudhii baredduu
Si qabuun na boonsaa
Borii koof kan yaaduu

Dhibbaaf kumaa keessaa

$
0
0
Image may contain: one or more people, people sitting and outdoor

Dhibbaaf kumaa keessaa
Foolii kee in wallalluu
Bakka mara geessaa
Maalin sin madaaluu

Uumaa koon gadittii
Bakka waan hundattii
An sumaan abdadhaa
Sumaanan dadhaadha
Hundarraa caalchisee
Bakka waan hundaatti
Tiruu koo dammaa koo
Ati yoomuu kooti
Ormi kan abdatuu
Wanta danuu qabaa
Kan ittin dadhatuu
Yeroo yeroon qaba

Anaaf suma qofaa
Maddii gammachuu koo
Waan hundaa ilaalee
Suma filannoon koo
Qaroo koo dammaa koo
Qillensa sombaa koo
Si malee jirachuun
Dukkanaa filachuun
Wajjiin tokkichaa
Sin addaa ba’uun
Gammachuun bo’ichaa

Filannoo koo dhumaa
Qalloo magallee koo
Kan naaf kennee uumaan
Sidhaa badhaasni koo

seeqee na seeqsisaa kolfaa

$
0
0
Image may contain: one or more people, flower and plant

seeqee na seeqsisaa
kolfaa garaa duubaa
Sobee na naasiisaa
Taphaa garaa gubbaa
Wanta hundee in qabnef
yeroo koo kan gubdee
Wanta dhaabbii in qabnef
Maaf lubbuu koo hubdee

Kan jijjiirraa in qabnee
Keessaa oonnee kootii
Murtessee siif kennee
Atis qaama kootii
Jedhee of murteessee
Keessaa koo amaansiisee
Kaan oonnee koo dhiigsee
Bakkee koos madessee
Boriif abdii in qabuu
Hedduu na yaaddeessee

Gaarii siif yaaduun koo
Dabaa jilaa gootee
Jiruuf jireenyaa koos
Maaliif akkas gootee
Jaalalaa keef jedhee
An lubbuu koon keenna
Mormatti na hudhee
Wal malee maal qabna
Jettee naaf sossobdee
Bututtuu lubbuu koo
Har’a garuu sobdee
Kan taatuu faallaa koo
Waan taatee in himattuu
Maal qabaree rakkoo

Maaltuu si go’omsee
Abbaa qabeenyaati!
Maaltuu si butaatee
Jaalalaa sobaati?
Kan narraa si kutee
Gaarii hammamitii?
Siin kan gi’omsees
Jaalalaa yerootii ?

Argadhuu Barbaadii
Atumtii mudaa koo
Gaariin anaaf yaadii
Adaaraa uumaa koo

weerara hamma malee

$
0
0

Image may contain: 1 person, sitting

weerara hamma malee
erga narraa geessee
Qamni koo gar-malee
Waan hundaas dandesse

Maal maalan si godhee
badiin koos mayinnii
waan hunda siif baddee
laafinni koos mayinnii

Jaalalaa wayyaa jedhee
mataa itti hirkifaadhee
Madaan in fayyinee
Keessaa kootti umaamee

Achuman haftaa moo
deebiitee naaf dhuuftaa
Waa’ee jaalalaa kee
garaa koo na nyaataa

Si amanurraa darbee
sirraatti of gatee
Si yaadurree darbee
dheebuu keen gaggabee

maaloo in jijjiriin
jaalalaa ganamaa
Maaloo in jijjiirin
Amaala baramaa
Hedduudha gar-malee
kanan siif miidhamee
jaalalaa shamshamee
Garaa koon dadhaabee

The best part of my day is your smile.

$
0
0

Image may contain: one or more people, close-up and outdoor

The best part of my day is your smile.
Being with you is the easiest choice I
have ever made, and I’m so lucky I get to
make it every day.
I love you more every day.
I love your honesty, your passion, your
resilience, your courage, your
partnership, and your smile.
As we grow separately, we also grow
together, and it’s truly a privilege.
You’re my soulmate, my best friend, my
partner, and my confidante. Thank you
for that.
I want to be your favorite hello and your
hardest goodbye.
Your smile takes my breath away. It took
my breath away on the day we met, on
our wedding day, today, and every day in
between.
Thank you for teaching me what
marrying your best friend means.
I wish every day you could see yourself
the way I see you. Because I see you as
absolutely perfect.

yyaa gara waaree

$
0
0

Guyyaa gara waaree
lapheerra ol na aaree
Halkaan gara waarii
hubadhuu naaf barii

Irriballee in qabuu
suuraa keen dubbisaa
Boqonnaallee in qabuu
waa’ee kee barreessaa

Araada homaa in qabu
Bunaa qofaan dhugaa
Har’a bor in jedhuu
yoomumaan si argaa

Warra gibee gamaa
warra sanyii mootii
Imaale ganamaa 
gara jimmaa kootti

Si barbachaan dhufee
bahii na simadhuu
Kan siif qaphee dhufee
Anaa harkaa fudhadhuu


Uruurseen raffisaa onnee koo madoofte

$
0
0

Uruurseen raffisaa onnee koo madoofte
Guyyaa dhufee darbuu si arguu yaaddattee
Jaalalaa maraatan erga ati na dhooftee
Lubbuun koo gaggabdee ofuma wallaltee

Sin jaalladhee malee
Homallee in wallallee
Si go’omsuuf jechaa
Daba tokkoo in yaallee
Oonnee si jaallatee
Jibbaa keen in faallee
Har’as si dheeboodheen
Homallee in argannee

Weerarameen jira
Samichaa gar malee
Dhunfaatameen jira
Kan in taaneen hiree
Har’allee sin eegaa
Abduu in muradhuu
Haala in ilaaliin waan darbee yaadadhuuuu

Guyyaan ati yeroo jalqabaaf

$
0
0
Image may contain: one or more people and people sitting

Guyyaan ati yeroo jalqabaaf jalqaba nagaa na gaffattee eda jechuun 26/06/2011 galgala keessaa saa 2:30tti tilmaamaan guyyaan kun anaaf si gidduutti akka waxabajjii 16/2010tti Guyyaa tokkummaf jaalalaa jedhe ummannii Dr.Abiy’f kabajee Gurandhalli 26/2011 Anaaf si gidduuttis kabajamuu qaba. sababni isaa jaalallii nun waliif qabnu akka abdii ummaannii OPDP irraa qabu yoo ta’ee iyyuu qaqallattee dhuma waan jirtu natti fakkattii.
Garuu an kanan jedhuu Ati narraa akkas fagattee jiraachuun kee inumayyuu anaaf yaaddoodha. jechuun koo akka gamoowwaan finfinnee keessaa ijaramanii abbaa dhaban sana Hundumtu kan isaa na godhachuuf nattii abbala jira. yeroo kana osoo ati na bira dhaabbaattee an abbaa qabeenyaa kanati naan jettee akkam akkam gaarii turee. Dhugaa garuu jaalalli kee akka birgeder general kinfe sansalaata harkattii nan keenyee malee natti cimaadha. Ta’uus lubbuu too jireenyi koo hammaa akka biyyaa siiriyaa ta’utti taa’ee dhaabadhee ilaaluun waan nattii ulfaateef akka Dr. Abey’n Isaayaas afwarqiif xalayaa araaraa barreessee aniis xalayaa jaalalaa kana siif katabuu kooti. Inumayyuu akka activist jawar mohammed kutaalee biyyaa guutummaa oromiyaa keessaa naannaa’ee dawwatee xumuruu dadhabee sanaa , osoo jaalallii an siif qabuu si dawwachiisee si dawwachiisee xumuruun hedduu nattii ulfaata. Akkuma guyyaa eeganii obboo baqqalafi jaalleewwaan isa guyyaa eeggatanii mana adaabati ba’an sanattii aniis dhiphuuf jaalaalaa kee kanan hirirfamuu keessaa gaaf tokkoo uumaan koo na baasaa ta’a. Maalan godharee dubbiin dubbii jaalaalaati jallalli kee akka jireenya abdi illee jireenyaa koo nattii dukkaneesite. An kana waanan jedhuu in qabuu Akkuma adde burtukaan boordii filannoo taate, bordiin koof kee waa’eema jaalaalaa qofa ta’e maal akkan jedhuu in beekuu jaalalli koof kee akkaa jaalala Ertiraaf Ethiopa nuuf haa ta’uu jechuun dhaamsa barreeffama kanaati.

Addaan baasaa jennaan

$
0
0

Addaan baasaa jennaan didee nattii hammata
Gubaa jaalalaa keef lubbuun koo watwaataa
Lafeef dhuka kootti erga nattii galee
Waggaas lakkofsisee ooleera bubbuulee

Miira koo dhuunfaatee addeessuun himaamaa
Sammuus na yaabaatee
Maaliin tilmaamaa

Qillensan furadhuu gara sombaa koottii
Oksiijiniin hin qabuu
Waa’eedhuma keeti

Hamma kana ta’ee
Sammuu kootin olii
Ijaarra na yaa’ee
Imimannii kooyii
Iddoo adda ta’ee
Sif qaba hundaa olii
Waan jedhuun dhabee
Nagaadhaan naaf oolii21211 comment7 shares

Gadaa Hunde

Gubaa jaalala kee

$
0
0

Gubaa jaalala kee
miira koo na waadee
Jechaan ibsuuf jechaa
waan hedduusa yaadee
Sammuu kootin ooli
Qalbii na hanqooqee
Gitaaf Qixaa kee dhabee
Bakka mara sooqee

Qindeessee barreessuuf
Jechaan nati hanqaataa
Seenessee tarreessuu
Garan na watwaataa
Ganamaaf galagalaa
Bishaan itti oobasee
Nuffa tokkoo malee
Yeroo hunda kununsee
Dhuunfaachiseen jiraa
Lapheedhaaf oonnee koo
Dhugaa naaf jiraadhuu
Ati yaa lubbuu too

Hedduu natti ulfaatee
Gubaan jaalalaa kee
baay’ees si dheebootte
Lubbuun koo sii yaaddee
Osoo afaan qabaatee
oonneen sitti haasaasaa
Rukutee na madessee
Dhugaa akkaa raasaasaa
Sin dhokfadhee malee
miidhameetan jiraa
Kana kan na miidhee
har’a siifan hiraaaaaaa

Roobni waqtii arfaasaa

$
0
0
Image may contain: 1 person, beard and close-up

Roobni waqtii arfaasaa itti roobee akka
burqaa baddeessaa jalaa ganamaa fi galgala
mirgisee taalila burquutti burqaan
jaalalaa kee keessaa kooti burqa. Dirri oonnee koo keessa kootti
akka ooyiruu arfaasaa qotamee bullaa’ee
diimatee alatti ba’ee waan mul’atu natti
fakkaata.
Qotee bulaa qaxaleen osoo argee meesee
xaafii waan facaasun seha. Keessi koo
madaa dha. Madaa madaa’ee waan qoorsu
dhabe. Akka madaa jaldeessaa horfaan itti
baay’atee har’a bor fayyaa osoon jedhuu
ittuu madaa’ee na dhiige……. 
Imimmaan jaalalaaan ergan cuubamee oolee buleera inumayyuu birraa urgaa’a birraa jaalala fi gammachu kanattii…….

….. maal si jaallachuun koo cubbuu ta’ee jedhee yoon of gaafadhee, gonkumaa gonkumaa jaallachuun cubbuu miti, garuu nama jaallatamuu qabuu jaallachuu dhiisuun cubbuu ta’uu in oluu jedhee yaada Kootin buusee wajjiin kufee kaasaa kun hundi yeroo jireenya koo keessatti wal tumee na dhiphisee of na jibbisissee yaadni kee na jeequu ati quba hin qabduu nan barbachiisu jechuu malee rakkachuu koo yaadan dhiphachuu koo hin beektu.

Soba maltu fidee

$
0
0

Soba maltu fidee
walii gadii fiddee
na go’omsuu yaalta
sobaf kara laattaa

mee amalli barataa
kafana fakkataa
gara boore in qabnee
nama waaqa in beeknee

yookiin waaqa hin sodattu
saafuu hin raajattu
garam qabuu laataa
hin qabum furmaata

namni tokko tola
na goote hokkola
ma go’omsaa yaalte
garan na beekkate

sin jaalladha malee
homalle hin wallalle
irrumaa sif darbaa
boro situu gabbaa

jedhen itti dhiisee
garadhan

Ati oonnee kootii

$
0
0

Ati oonnee kootii 
tamsastu dhiiga koo
ati somba kooti
hoggantuu hafura koo

sin ergan jaallaadhe
waan hedduun dagadhee
giddii dhuman ta’a
marruman qabadhee

guutuma jirenyaa
kuno na dhunfatte
ano midhameera
ega mal bufattee
calliseen si yaada 
yaadan of biratti 
kananis midhamee 
ega hamma yoomitti


Ofii hirkoo qabatee

$
0
0

Ofii hirkoo qabatee
gubbanatti na laatee
dhuga jiru dhoksitee
soban na bokoksiitee

gafiin si gafadhee
Bakka itti sif laadhee
jettee na sobuun kee
gaariin amaala kee

xura’aa laqqatee
karara erga kaatee
dharri dhuga fakkatee
maaf sitti mullattee

dhugano dhugadha
addunyaan bal’adha
jaalallo nafii dha
kee kun maf cinqidha ????

na go’omsuu yaaltee
haala ofii mijefattee
amaala kee gattee
sobaniis of faaltee

kun sirra eegamu
dhugan haa beekamu
karaan adeemamuu
gaddan xumuramuun

kanatti gammadare
sitti garan aaree
sobdufuu in jiranuu
gadhef harka in laannu

Soba maltu fidee
walii gadii fiddee
na go’omsuu yaalta
sobaf kara laattaa

mee amalli barataa
kafana fakkataa
gara boore in qabnee
nama waaqa in beeknee

yookiin waaqa hin sodattu
saafuu hin raajattu
garam qabuu laataa
hin qabum furmaata

namni tokko tola
na goote hokkola
ma go’omsaa yaalte
garan na beekkate

sin jaalladha malee
homalle hin wallalle
irrumaa sif darbaa
boro situu gabbaa

jedhen itti dhiisee
garadhan gad ciisee
guyyaa gafa kamisa
mee maaloo na dhiisaa

Aariidhaan na guttee
ofii kee boqottee
jibba gara qabduu
jecha gaggababduu

sardama natti himtee
jibba gumachitee
garan na gubate 
egaa mal buufattee ?????

LABSA WARAANA BILISUMMAA OROMOO (Irra deebiin kan maxxanfame)

$
0
0

LABSA WARAANA BILISUMMAA OROMOO
(Irra deebiin kan maxxanfame)

Akeekaa fi Kaayyoon Waraanni Bilisummaa Oromoo ijaarameef ifaa dha. Innis Bilisummaa fi Walabummaa Saba Oromoo kan boortaan sarbame boortaan deebisuudhan Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan Addi Bilisummaa Oromoo qabsaawuuf galmaan gahuu dha. Addi Bilisummaa Oromoo tarsiimoo qabsoo hidhannoo akka filmaata duraatti qabatee qabsootti hin seenne. Siyaasa Itoophiyaa keessatti balballi qabsoo karaa nagaa cufaa tahuu irraa daandii qabsoo hidhannoo filate. Akkasis tahee carraa argame hundumaan Kaayyoo qabsoo kanaa karaa nagaatiin galmaan gahuuf Imaammata ifaa fi balbala banaa qabaachaa yoona gahe.

Akka kanaanis yaalii yeroo adda addaatti gochaa turetti dabalee, ABOn Bilisummaa, nagaa fi dimokraasii dhugaa biyya Oromiyaa fi Itoophiyaa keessatti fiduuf murteeffatee Hagayya 07, 2018tti Asmaraatti Mootummaa Itoophiyaa wajjin waliigaltee irra gahe. Waliigaltee ta’eefis of-kenniinsa ol’aanaa agarsiisuudhaan yeroo tokkotti Hoogganoota ol aanoon, qondaalota gameeyyiin, deggertootaa fi hayyootni Oromoo kanneen qabsoodhaaf biyyoota ollaa fi biyyoota alaa turan biyyatti dacha’an. Miseensotni WBO Ertitrea turanis biyya seensifaman. Gama ABOtiin kun hundi erga tahee booda Mootummaan karaa nagaatiin ABO waliin hojjechuuf waadaa seene cabsee ABO fi Ummata Oromoo irratti duula waraanaa, hidhaa fi hacuuccaa siyaasaa gosa adda addaa gaggeessuu itti fufuun isaa qabsoo karaa nagaa jechuudhaan abdiin Mootummaan kun Ummataaf kennee ture kan dharaa fi goyyoomsaa akka tahe nuuf mirkaneessee jira.

WBO booji’amaa fi harka-kennataa fakkeessuuf yaalamaa jira. Mootummaa fi waraanni sirna qabuu fi Ummataaf dhaabbate tokko booji’amaa iyyuu hin hiraarsu, hin beelessu, wal’aansa hin dhorkatu, hin arrabsu, marsee waraanaan/qawweedhaan hin doorsisu. Mootummaan Ethiopia garuu miseensota WBO Dhaabni, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee itti kennan kophaatti galfatee hijaa duraan dirree lolaa irratti bahuu dadhabe itti bahuuf itti roorrisaa jira.

Miseensota WBO Ertiraa irraa galan keessaa kanneen lotummaan Oromiyaa ittisuu filatan maqaa leenjiin mooraatti qabee hiraarsaa fi yeroo isaanii gubaa jira. Kanneen hawaasatti dacha’anii qubatuu fi of jiraachisuu filatan waan murtaaweef dhorkatee gandatti geggeessee maatii jaraa fi ABO irratti akka irkataniif facaasee jira. Miseensota WBO harka isaa seenan irratti kana hunda raaw’achaa WBOn hafe galuu akka qabu mudhii hidhatee falma.

Mootummichi jibbansaa fi sodaa guddaa ABOf qabu karaa hundumaa dura dhaabbachuudhaan agarsiisaa jira. Irra deddeebiin ummattoota Itiyoophiyaa fi adduunyaa duratti kan kakatee fi abdachiise qabsoo karaa nagaa geggeessuu ABO fudhachuu dide. Waajjiraalee banuu diduu fi kanneen banaman cufuun, bilisummaa sochii miseensotaa fi deggertoota ABO daangessuu, Hoogganoota dabalee miseensotaa fi deggertoota ABO hidhuu, ummata Oromoo kanneen Dhaabichaa fi WBO deggeran ajjeesuu, saamuu fi qabeenya isaanii barbadeessuu hojii dhaabbataa godhate. Walumaagalatti waliigalticha faallessuun lolaa fi duula waraanaa fi olola miidiyaa, akkasumas hacuuccaa siyaasaa geggeesse; ittis jira. WBOn akkuma ajajjametti waliigalticha kabajuuf lola dhaabus mootummaan garuu WBO dhabamsiisuuf duuluu qofa osoo hin taane Ummata Oromoo ajjeesaa fi hidhaatti guuraa jira.

Mirga hiree murteeffannaa Saba Oromoo kan ABOn dhaabbatuuf balfisiisuuf duula olola farra mirga sabootaa fi sab-lammootaa oofaa tokkummaa Itoophiyaa kan mirga Sabaa fi sab-lammootaaf beekkamtii hin kennine faarsaa fi hafarsaa jira. Ejjennoon mootummaa kanaa kan of-tuultota sirna nafxanyaa duraanii irraa adda akka hin tahin haasawaa fi hojii warra dursaniitiin ifa bahaa jira. Mootummaa kanaan “Mootummaa Oromoo” kan jedhamu dhugaa irraa fagoo dha. Kan Mootummaan kun hojiidhaan lafa irratti agarsiisaa jiru caasaa fi sirna EPRDF kan waggoota 28 dabran Ummata hacuucaa, saamaa, hidhaatti guuree hiraarsaa fi ajjeesaa bahe itti fufsiisuuf hojjechaa jiraachuu isaa ti.

Waan taheefis, tarkaanfii furmaataa fudhachuun gaaffii yeroo fi dirqama seenaa tahee nutti mul’atee jira. Akka kanaan nuti Waraanni Bilisummaa Oromoo gama keenyaan waliigalteen Asmaraa fi sanaa asiitis akka hojiitti hiikamuuf gama mootummaa Itiyoophiyaatiin fedhii fi qophiin agarsiifamaa waan hin jirreef,

Maqaa “Qabsoo karaa nagaa” jedhuun mirga Saba keenyaa dabarsinee kennuu didne,

Wareegama Ummata keenyaa kan hanga yoonaatti baafame gatii dhorkinee harka kennachuu didne.

Bilisummaa guutuu Ummata keenyaa argamsiisuuf wareegama qabsoon kana booda gaafatu sodaachuudhaan mirgoota bubuutuu amma ittiin nu sobuu yaalaa jiranitti quufnee gantoota Sabaa wajjin dhiichisuu fi dhangaa yerootti hirmaachuu akka Bilisummaatti lakkaawuu didne.

Akka haalaa fi yeroon gaafatutti of qindeessinee murannoo ol’aanaan qabsoo keenya finiinsuudhaan Kaayyoo wareegamtoota keenyaa galmaan gahuun waan filmaata biraa hin qabne tahuu itti amannee murteeffanne.

Lammata deebinee haaraatti Mootummaa kanaan kan wal taanu yoo dhiibbaa malee qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf wabiin jiraatee fi WBOn sirna cehumsaa jalatti mooraa ofii keessa qubatee ABOdhaan bulfame/taligame qofa taha.

Murtii keenya kanaan qabsoo itti fufuuf akka gargaaruufis qaama AJAJA WARAANAA OL’AANAA WBO (AWO – WBO) jedhamu hundeessuu keenya labsii kanaan ifa goona.

Qaamni kun (AJAJNI WARAANAA OL’AANAAN WBO) Hoogganoota ABO kanneen hubannoo fi ejjennoo WBO kanatti amananii WBO waliin dhaabbatanii fi ajajootii WBO Zooniilee fi Godinoota garaa garaa (Kibba, Dhiha, Baha, Giddu-Galeessa, Kibba-Bahaa fi Kaaba Oromiyaa) kanneen humni isaan hoogganan sadarkaa Cibiraa gahe of keessaa qaba. Fuul-duraafis ulaagaa kanaan ofitti dabalaa deema. Isaanuma keessaa geggeessitootni qaamichaa (Dursaa fi Itti Aanaan) filaman.

Haala danqaa Mootummichi tahe jedhee uumeen hariiroo fi qunnamtiin WBO fi Hoogganoota Finfinnee jiranii yeroo dheeraaf addaan citeera. Kun ammo gaafatama WBO Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi Ummata bal’aa Oromootti dabarsanii kennuudhaan dhimma keenya keessaa harka fudhatuutti geesse. Haa tahu malee , qaamni maqaa Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqeetiin gaafatama kana fudhates gaafatama kana bahachuu irratti hanqinoota hedduu qabaachuutti dabalee dhiibbaa fi doorsisa gama Mootummaan jiru irra aanuudhaan hojii isaa fiixaan baasuu akka hin dandeenye sochii isaa kan hanga ammaa irraa hubachuu dandeenyee jirra.

Adeemsi kun akkanumaan yoo itti fufe Qabsoo Bilisummaa Ummatni keenya wareegama ulfaataadhaan sadarkaa har’aa irraan gahe dhabamsiisee waanjoo gabrummaa fi cunqursaa Ummata keenya irratti deebisee jabeessuu danda’a yaaddoo jedhuu fi WBOn taligaa malee hadiyyoomfamee turuu hin qabu yaada jedhutu gara tarkaanfii kanaatti nu geesse.

Waan taheef, guyyaa labsiin kun labsame irraa eegalee Hoogganoota Finfinnee jiran wajjin hariiroo wal taliguu fi waliif taligamuu akka hin qabne ifa goona. Kanuma waliin akeekni keenya Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABOn hanga har’aatti qabsaawaafii jiru galmaan gahuu irraa kan hafe Dhaaba maqaa fi Kaayyoodhaanis ABO irraa adda tahe ijaaruu akka hin tahin hundaaf ifa goona. Jaarmota mirga Oromoo kabajsiisuuf qabsaawan kamiinuu dura kan hin dhaabbannee fi hin diinomfanne tahuu keenyas mirkaneessina. Kanneen haaluma fedhe keessatti bifa kamiinuu qabsoo bilisummaa ummata keenya bira dhaabbatanii fi mirga isaaniif falman maraaf galataa fi kabajaa qabsoo qabaanna.

Yaa Ummata Oromoo,

Qabsoon Bilisummaa wareegama qaalii fi ulfaataa itti baastee asiin geesse namootaa fi humnoota farra qabsoo keetii tahaniin booji’amee gara dabarfamaa jira. Nuti ilmaan kee (Waraana Bilisummaa Oromoo fi Qeerroo) dabalatee qabsaawotni jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti fiduuf wareegama haqaa baasanii qabsicha asiin gahan har’as akka diinaatti ilaalamanii moggaatti dhiibamuu, hidhamuu, adamsamanii ajjeefamuu fi gidiraa adda addaaf saaxilamuu irratti argamu. Namootatu barcuma irratti wal jijjiire malee sirni saamichaa fi cunqursaa EPRDF hin jijjiiramne. Inumaa iyyuu maqaa “Oromootu biyya bulchaa jira” jedhuun haqni kee alagaa qofa irraa osoo hin taane walii kee irraa illee akka dhokatuuf shirri qoqqoodanii bituu si irratti dalagamaa jira. Kutaa fi Gosaan si qoodanii gurmuu tokkummaa keetii diiguudhaan roorroo alagaa marsaa biraatiif si saaxilaa jiru.

Daba kana hunda osoo ilaallee agarruu hidhannoo keenya hiikkannee galuun Kaayyoo Jaallan nu biraa wareegamanii ganuu qofa osoo hin taane hegeree Saba keenyaa balleessuu dha. Waliigaltee fi Araara kabajaa fi kan Bilisummaatti hunda keenya geessu malee kan harka kennachuu, booji’amuu fi mana hidhaatti guuramuu hin fudhannu. Seenaa boonsaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan hanga har’aa diignee ofii jiraachuu irra falmachaa wareegamnee Seenichaa fi falmaa Bilisummaa dhaloota dhaalchisuu filanne.Filmaatni kun akka gatii nu baasisu wallaallee miti.Akkuma kaleessaa beela,daara,madaawuu fi ajjeefamuu gaafata.Utuu beeknuu,du’a ykn bilisummaa jechaa jirra.Mootummicha dabalatee hundi kan hidhataa fi of ijaaraa jiruuf Oromoo ittiin jilbeenfachiisuuf waan taheef hanga kun hin dhaabbannetti hidhannoo keenya hin hiikkannu.Ololaa fi duulli diinotaa kamuu nu hin jilbeenfachiisu. Waan dandeessuun nu cinaa dhaabbadhuu Bilisummaa keef qabsaawi. Daandiin nuti filanne xumurri isaa Inifannoo fi Bilisummaa hunda keenyaa akka tahu hin shakkinu !

Injifannoo Uummata Oromoof !

Ebla 1, 2019
https://www.facebook.com/photo.php?fbid=1281040652049241&set=a.112843055535679&type=3&eid=ARBA4KUJGqwonCpOvYf-2ASGAI-TQnExyf8gCy5OlSyCtxbW0Aw6m6JXsNElnwjKI9TebmNoVxa1gSU4

Viewing all 117 articles
Browse latest View live


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>