Quantcast
Channel: OROMP4 Studio
Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Haala jijjiirama qilleensaa wajjiin deemuu fi Mala qonnaa Jahan(6)

$
0
0

Haala jijjiirama qilleensaa wajjiin deemuu fi Mala qonnaa Jahan(6)

Jijjiiramni qilleensaa hojii qonnaarratti dhiibbaa guddaa qaba.Fakkeenyaaf caamsaa,lolaa, rooba yeroo malee roobuu kunniin hundi hojii qonnaarratti miidhaa fiduu danda’u.Qonnaan bultooti haaluma jijjiirama qilleensaa hubachuun hojii qonnaa isaanii wajjin haala deemuu danda’uun tooftaan hojjechuu danda’u.Tooftaa hojii qonnaarratti nama gargaaran kanaa gaditti mee haa ilaallu.

1. Sanyii Midhaan hongee dandamachuu danda’aniifi dafanii ga’an(bishaatan).

Sanyii midhanii adda addaa hongee dandamachuu danda’an (kan akkaa Bisingaafi daaphoo)Midhaan callaa (kan akka Beeqelaa,Atarii, Boloqqee…kkf)fi biqiloota hundeen isaanii nyaataman kan akka Booyinaa ykn Mixaaxisii ykn camcamee, qoccoo, Mosee(Dinnicha) Goodarreen, gosa midhaanii yeroo gabaabaa keessatti bishaatanii gahanidha. Isaani kunniin hamma makarri sassaabamutti ji’oota hongee keessa nama dabarsu.

2. Akkaataa facaasaa jijjiiruu,Tooraam facaasuu

Gosa sanyii midhaanii baayi’isuudhaan facaasuu. Sababiin kanaas sanyiin midhaanii adda addaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf aannisi isaan qaban wal caala.Sanyiin midhaanii tokko tokko qilleensa garaa garaa dandamatanii tibba sana keessa dabruu danda’u jedhamee abdatama.

Sanyiin midhaanii gosa garaa garaa walkeessa makuun facaasuun bu’aa qaba. Fakkeenyaaf midhaan gosa lama-sadii walkeessa maasii tokkorratti facaasuu jechuudha. Sanyii midhaanii kan akka Boqqolloo, Bisingaa, Daaphoo, tooraan facaafaman keessa midhaan kan akka Baaqelaa, Ataraa, Boloqqee wajjin walkeessa facaasuun tooftaa gaariidha. Faayidaan kanaas sanyiin midhaanii kana akka Baaqelaa, Atariifi boloqqee xaa’oo albuudaa kan akka Naayitiroojiin jedhaman biyyoo keessatti dabalu. Sanyiin midhaanii kunniin maasii qonnaa sun biyyoonsaa akka jiidha qabaatee turu gochuu danda’u. Sanyiin midhaanii gosti tokko ykn bifa tokkotti gargaaramanii,iddoo tokkotti,walbiratti biqilchamuu hinqaban.(waldorgomu waan ta’eef) Fakkeenyaaf Boqqolloon Bisingaafi Daaphoo kkf wajjin walkeessa facaafamuu hinqaban.

3. Dabareedhaan(Faraqaan) facaasuu

Hamma danda’ametti raaga qilleensaan gargaaramnanii tibba roobaa beekanii ittiin hojjechuun bu’aa guddaa qaba. Sanyii midhaanii yeroo adda addaa facaasuun gaariidha.

Kanas jechuun muraasa tibba jalqaba roobaa booda, muraasammoo tibba roobaa dura, muraasammoo tibbuma roobi dhaabbatu facaasama. Kanaanis eega bokkaan dhaabbatee torbaan sadii booddee yoo facaasan aramaan dafee akka hin biqillee godha.

Mala qonnaa sadan hafan immoo Jildii 12ffaa irratti isiniif dhiyeessina.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Trending Articles


Raayyaa abbaa Maccaa Part 1


IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)


Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!


Jechoota Safuu


OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa


What is Cancer? - Oromo


WALALOO HAALA YEROO


Abbaa Gadaa Dabbasaa Guyyoo


Waaltina Afaanii!


seena elemoo qilxuu


AFAAN OROMOO


Mootummoota Oromiyaa durii keessaa



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>