Quantcast
Channel: OROMP4 Studio
Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Handhuraa

$
0
0

Handhuraa

Cattle Borena Location:Yabello, Borena, Oromia, Ethiopia

Handhuraan: horii Aabban ilmee kennu akka Aadaa Oromoo Booranaatti. Handhuuraa Oromoon durii qabdi. Addunyaan ammoo dhiyoo erga baankiin dhuftee egalte (book account) daa’imii yoo dhalate banuufi. Handhuuraallen akkasuma yoo daa’immii dhalattu akkaata armaan gadiitiin horii dhuunfaa isaa keennaniif.

Handhuuraan jechaa handhuura jedhu irraa dhufe. Handhuurti walakkaa nafa namaa taha gadittifi taha olii jidduu jirti. Ammas bakka garaa kessatti ilmeen hadhaa irraa sagalee(nyaata)argatuun.

Egii da’imii dhalate, Akkon handhuurtee, ykn handhuura irraa kuttee, haga diqa garaa da’imaa irratti hambisan. Handhuura irraa kuttan sun gorfoo hadhaa irratti hodhanii ykn ergansatti hidhanii ol kaahan.

Kan gara da’imaa hafe dhadhaafi daaraa diqoo dibanii odoo hin dhukkubin irraa buha.

Handhuura Gorfoo haadhatti hidhan guyyaa kami gad baasan?
Guyyaa gubbisaa ykn moggaassuu bakka kaahanii fuudhan.

Gyyaa kana handhuurti da’immaa ka gorfoo hadhaa ykn ergamsatii hidhan fuudhanii qorii mataa da’imaa irraa haadan keessaa buusan. Guyyaa gubbisaa ykn moggaassuu Aabbaan da’ima kanaa loon keennaf.

Loon sun osoo duratti maqaa biraa qabaatellee irraa jijjiiran,fakkeenyaaf suukii, obbol-bulee, abbaa-olee… jedhaaniinillee irraa jijjiranii Handhuuraa jedhaniin. Loon kun amma booda ka daa’immaa suniiti. Handhuuraan akka hedduu keennan yeroo yabbilee(jabbiilee) biratti daranii(dabalanii) kennanis ni jira.

Booranni Handhuuraa maaliifi ijoollee kenna?

1. Egerii yoo guddate daa’imii kun akka hin rakkanneefi. Harka nama biraa laaluu hin qabu. Of dandayee, warra ofii, ollaa, fira fixaa(Fira maatii), gosa, saba akka qarqaruufi.

2. Daa’imii namaa dhalachuun gammachu guddoo, Abban daa’imaa gammachu daa’imii sun maatii isaatti waan darameef(dabalameef) kennaaf.

3. Daa’imii diqqaan yoo diqqoo jabbeeffate, ilmoole re’ee, yabbii, loon tissa, obaa (horii bisaan obaasuu), duulaa deemuufi sadarkaalee kanneen keessa darba.

Fakkeenyaaf tikaafi obaan dadhabbii qaba. Namni horii tokkolle achi keessaa hin qabne, yeroo hundaa kahii horii tiksii yoo jetteen ni ifata(ni nuffa). kanaafuu gurbaan kun yoo guddatee tika horii gahe hin ifatu. Maalif yoo jennu innis horii achii kessaa qaba(share holder).yeroo bonaa(caamsaa) akkamalee hammaate marraa(margaa)fi bishaan dhabanii bakka fagoo horii kana qabatee deema. Yoo lafti barbadaa marga barbaada.

4. Maatiin tokko ijoollee hedduu dhalan.
Namuu bifa kanaan tika horiif gaheesaa baha.
Fakkeenyaaf,
-Nama re’ee tissuu jira
-Nama loon tissuu jira
-Nama yabbii agooroo(Jabboota) tissuu jira
-Nama loon aawwichaa(saawwan) tissuu jira
-Nama gaala tissuu jira
-Nama ogoree gaalaa(ilmoolee Gaalaa) tissuu jira
-Nama Aawwicha gaalaa(Gaala dhaltuu)tissuu jira
-Nama korma gaalaa tissuu jira
Akkuma maatiin kun horii qabuun tikaa horii addaan baasan. Ijoolleen maatii kanaa dhiiraa dhalaan namuu handhuuraa ofii keessaa qaban.

5. Abbaan ijoollee osoo kan waaqaa itti dhuftee(du’e) ijoolleen tun hundinuu waan ofii durattuu qabdi waan tayeef dhaalaa irratti wal hin dhabdu(loltu). Ijoollee hundaafuu umrii ijoollummaatti handhuuraa odoo wal hin caalsiisne kennaniif. Nami waaqii horsiiseefi isaattu horee carraa handhuuraa isaa waan tayeef namni tokkollee ittiin hin falmu.

Fakkeenyaaf Haadhaafi Abballeen osoo namaan qarqaruu barbaadanille eeyyama gaafatan malee jalaa hin tuqan. Garuu yoo eyyamma argatan waan barbaadan tolchan.

Lalistuu Tofiq Hasan
Booranaa Yaabeelloo irraa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Trending Articles


Raayyaa abbaa Maccaa Part 1


IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)


Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!


Jechoota Safuu


OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa


What is Cancer? - Oromo


WALALOO HAALA YEROO


Abbaa Gadaa Dabbasaa Guyyoo


Waaltina Afaanii!


seena elemoo qilxuu


AFAAN OROMOO


Mootummoota Oromiyaa durii keessaa



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>