Quantcast
Channel: OROMP4 Studio
Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Abbichuu [Mucaa]

$
0
0

Abbichuu [Mucaa]

Abbichuun kan dhalate godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoo naannoo Dhaayee Sillaasee jedhamutti bara 1912 ture. Gosti Abbichuu ilmaan Tuulamaa sadeen kessaa Daaccii jalatti argama; Ilmaan Daaccii jalaa Galan; Ilmaan Galaan jalaa ammoo kan Warra Jaarsati. Abbaan isaa Bayyanaa Qorichoo dursaa lolee Warra Jaarsoo ture. Weerarri Xaaliyaanii bara 1929 akkuma jala gaheen ture kan dhukkubsatee addunyaa kana irraa boqate. Kaayyoo abbaa isaanii itti fufsiisuf Obbolowwan lameen (Angafoonni Abbichuu) lolee Warra Jaarsoo cimdiidhan dursuu eegalan.

Bayyanaa Qorichoo yeroo sanatti Abbichuu mana barumsa ammayyaa Finfinneetti argamutti erganii barsiisaa turani. Abbichuun sadarkaa oolanaafis Awurooppaa biyya Faransaay deemee barachuuf utuu qophiirra jiruutti Xaaliyaaniin Itoophiyaa Weerarte. Abbichuunis Obbolaawwan isaa gara dirree waraanatti deeman biraa hin hafu jechuun imala barumsa isaa adda kute. Haati Abbichuu yeroo sanatti mucaan xiqqaan kun akka jalaa hin deemnef kadhachaa turtus, Abbichuun garuu yaada harmee isaa didee faallesse. Yeroo sanatti Abbichuun umuriidhan waggaa 16 hin caalu.

Haati Abbichuus Dajjaazmach Abarraa (Dursaa olaanaa lolee Salaalee) tti mucaa xiqqaa kana imaanaa laatte geggeessite. Garaan ishee didee raasnan akkana jettee sirbiteefi

“Abbichuu nagaa nagaa, ijakoorra hin maarmaarinii
Achittuu nagaa nagaa, qoreen si hin waraninii”

Lola Dabra Ambaatti taasifameen Abbichuun Obbolaawwan isaa lameen of biraa dhabe. Tokko reeffaa isaa argatee Qilxuu wayii jalatti awwaalus, isa tokko garuu bakka buutee isaa argachuu hin dandeenye. Gaddi kun kan daran garaa jabeesse Abbichuun, Dajjaazmaach Abarraadhan walii galuun lolee Warra Jaarsoo dursuu eegale.

Abbichuun tooftaa riphee loluutin hedduu beekama ture; kanaanis, injifannoo loltoota Xaaliyaanii laamshessu hedduu goonfateera. Yeroo sanatti Mootichi fi Raasonni Xaaliyaanii tarkaanfii Abbichuun fudhututti aaranii irratti xiyyeeffatanis qabuu hin dandeenye. Gaarreen Taanben irraa xiqqoo siqee dawoo Xaaliyaanoota kan ibidda itti qabsiisee, aaran ukkaamsun rasaasan waadde illee Abbichuu ture. Cimina Abbichuu kan beekan miseensi raayyaa Raas – Kaasaa, Ras Siyyum Mangashaa fi Dajjaazmaach Abarraa gananii garee Abbichuutti makaman. Lola Maycaw irrattis injifannoon lolee garee Abbichuu olaanaadha…

Yeroo booda loltoonni Abbichuu gara Warra Jaarsotti kan deebi’an yoo ta’u, Abbichuunis duubarra deebi’e. Abbichuun garuu weerara Xaaliyaanii qolachuu erga gara Warra Jaarsotti deebi’ee illee hin dhiisne…dhuma irratti garuu Abbichuun eessa buuten isaa ni dhabame…

“Abbichuu Darraa Darraa” Jedhamee Amariffaanis sirbameefi ture!

Wabii;
» Ye Habesha Jabduu, Tacaanaa Joobiree (1989; 131) Adoolf Paarlasaak wabeeffatee kan barreesse
» Seenaa Gootota Oromoo fi Kaan, Shallamaa Kabbee Jimaa, Maxxansa 2ffaa, 2009 (Kan fooyya’e), Finfinnee


Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Trending Articles


Raayyaa abbaa Maccaa Part 1


IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)


Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!


Jechoota Safuu


OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa


What is Cancer? - Oromo


WALALOO HAALA YEROO


Abbaa Gadaa Dabbasaa Guyyoo


Waaltina Afaanii!


seena elemoo qilxuu


AFAAN OROMOO


Mootummoota Oromiyaa durii keessaa



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>