Quantcast
Channel: OROMP4 Studio
Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Nadhii gammadaa

$
0
0

Nadhii Gammadaa

 
 

Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoo fi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buutensaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraachunsaa amma yoonatti hin mirkaneeffamne.

Seenaa Duuba

Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa Zuwaay Dugdaatti abbaasaa Hajiihusmaan Roobaa fi armeesaa Amiinaa Borseerraa bara 1955 dhalate. Maqaan dhalootaasaa Qaasim Hajiihusmaan Roobaa ture. Maqaa Nadhii jedhu kun maqaa abbaasaa kan Hajiihusmaan Roobaa ture; abbaansaa amantaa Islaamaa erga baratee booda maqaasa gara Hajiihusmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaasaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetii fi obboloota durbaa afur qaba.

Nadhiin sadarkaa tokkoffaarraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee Yuunivarsiitii Finfinnee gale. Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuf bara 1978 ABOtti makame. ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e.

Nadhii Gammadaa bara 1993 bakka buutensaa dhabame. Nadhiin bara 1993 walga’ii ABOrratti hirmaachuf eegdotaasaa ja’a wajjin odoo gara iddoo Bokee 27 jedhamuutti odoo deemuuu bakka buutensaa dhabame. Iddoon inni itti dhabame kan Innasakoo jedhamu yoo ta’u Arsii fi Harar gidduutti argama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.

Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’eeraf jiraansaa kan hin beekamne nama seenaa guddaa qabuudha.

Seenaa Gabaabaa Jaal Nadhii Gammadaa
JAAL NADHII GAMMADAA, GOOTA IJA
BARBADAA..
Maqaan dhalootaa isaa Qaasim Hajii
Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan itti
beekkamu maqaa Qabsoo Nadhii Gammadaa
jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955
kutaa Arsii Ona Zuway Dugdaa keessatti
Abbaa isaa Haaji Usmaan Roobaa fi Haadha
isaa Aaddee Amiinaa Borsee irraa dhalate.
Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti
hirmaachuf waardiyoota isaa ja’a (6) wajjiin
osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti
deemuuu bakka Asakoo jedhamu tan
daangaa Arsii fi Harargee jidduutti argamtutti
butamee achi buuteen isaa dhabame.
Nadhiin goota sammuu qaroo kan yoo
dubbatu haasawa isaa jechoota akka
rasaasaatti onnee nama kutu kan sagalee
onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin
hedduu beekkama. Akkuma sagalee haasawa
isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo
dhugaa qabuudha. Arra mee jechoota
muraasa dhaadannoo gatii qabdu tahu kan
haasawa isaa humna qabeessa keessaa
walitti guureen haa yaadannu.
“Biyya keenya jaalannu nama wajjiin
qooddanna, feenu immoo akka barbaadnetti
bulfachuun mirga keenya!”
“Osoo alagaan biyya keenyarratti nu
bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee
dhaadatu nuti ammoo mirga keenya
kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu
hanqisu hin jiru!”
“Hiree Ummata Oromoo kan murteessu
Ummata Oromooti malee anaatu sii beeka
karaa kana deemtu malee kan nuun jedhuufi
kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu
Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti!”
jedhuudha!”
“Seenaa Abaaboota keenyaa kan
Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun biyya
keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa
harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata
Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani!”
“Hundi Keenyaahuu Ummanni Oromoo
bakkayyuu harka wal qabannee waliin
dhaabannee waan warri Aanooleetti
wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf
fuuldura haa tarkaanfannu!”
“Oromoon tokko. Amantiin addan baahu.
Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan
bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda
qooduuf tattaafatu haa badu!”
Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa
Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo
malee namni biraa murteessuu hin danda’u.
Kan warra biraa nurratti murteessisuu
dhidhiibu haa badu!” fi kan kana fakkaatan
danuutu jira.
Qabsoo Keenya Itti fufnna, Injifanno Ummata
Oromoof!
Jaal Nadhii Gammadaa, Goota ija barbadaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Trending Articles


Raayyaa abbaa Maccaa Part 1


IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)


Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!


Jechoota Safuu


OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa


What is Cancer? - Oromo


WALALOO HAALA YEROO


Abbaa Gadaa Dabbasaa Guyyoo


Waaltina Afaanii!


seena elemoo qilxuu


AFAAN OROMOO


Mootummoota Oromiyaa durii keessaa



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>