Quantcast
Channel: OROMP4 Studio
Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Itoophiyaan imala jijjiiramaa irra…?

$
0
0
 

Itoophiyaan imala jijjiiramaa irra…?

 

 

 

Baay’ee kan dubbifame

Abiy Ahimad (PhD)Image copyrightOPDO OFFICIAL

Mormiin waggoota sadii oliif biyyattii keessa deemaa ture dhaabni biyya bulchu ADWUI’n gadi fageenyaan akka of qoratu gochuu bira darbee, Ministirri Muummee biyyattii fedhiin aangoo akka gadi dhiisan sababa ta’eera.

Ministirri Muummee duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dessaaleny aangoo kan gadi dhiisan jijjiirama yookaan haaromsa biyyattiin barbaadduuf gumaacha gochuuf jedhanii akka ta’e dubbatanii turan.

Manni maree ADWUI gaaffii aangoo gadi dhiisuu ministira muummee biyyattii booda kora taa’een, Dr. Abiy Ahimad dura taa’aa godhee filachuun xumuree jira.

Dura taa’aa haaraan dhaabichaa filames mana maree bakka bu’oota uummataatti dhiyaatee erga raggaasifamee booda, ministira muummee biyyattii ta’uun muudama.

Ministirri muummee haaraa muudamus jijjiirama biyyattiin barbaaddu fiduufi kufaatii siyaasaa amma keessa jirtu irraa kan baraaru akka ta’e abdii namoota hedduuti.

Haa ta’u malee jijjiirama ministirri muummee haaraa fidu irratti ammaaf gaaffii guddaatu ka’a.

Maaltu jijjiiramuuf adeema?

Ministirri muummee haaraa imaammataafi qajeeltoo siyaasaa akkamiin jijjiirama barbaadamu fiduuf deema kan jedhu gaaffii murteessaadha jedhu, dura taa’aan itti aanaa KFO Obbo Baqqalaa Garbaa.

“Gama kanaan akka dhaabaatti wanti jijjiirame waan hin jirreef, jijjiiramni guddaan ni dhufa jennee hin yaadnu. Haa ta’u malee namooti dhunfaas gahee akka qaban hin haalamu,” jedhu.

Hegeree biyyattii kan murteessu dhimmi ijoo biraan, aangoo ministirri muummee haaraan humna waraanaa fi tika biyyattii irratti qaban akka ta’es Obbo Baqqalaan ni dubbatu.

Jijjiirama sadarkaa naannootti argaa turre gara Federaalaatti dhufuu danda’a abdii jedhu nuuf kenna kan jedhu namni siyaasa biyyattii keessatti shoora olaanaa qabu Jawaar Mohaammad, qabatamaatti jijjiirama dhufuu danda’u yerootu ofharkaa qaba jedha.

“Aadaafi qajeelfama dhaabicha osoo hin taane, aangoo heerri mootummaa kenneef osoo itti hin dabaliin, irraas hin hir’isiin kan itti dhimma bahan yoo tahe jijjiiramoota barbaadaman fiduun hin rakkisu,” jedha.

Dr. Abiy filamuun isaa abdii kan namatti horu ta’u kan dubbatan, Ameerikaa Joorjiyaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa Kolleejii Guunet kan ta’an Dr. Yohaannis Gadaamuu, abdii kan namatti horu haa ta’u malee gufuuwwan hedduun jiraachuus hin haalle.

“Waadaa jijjiiramaa paartichi raawwate hojiitti hiikuuf namni haaraan kun fedhaafi gahumsa qabaa, yoo qabaatehoo paartichi akka bilisaan hojjatu hayyamaafi kan jedhu gaaffii murteessaadha,” jedhu.

Tarkaanfiin itti aanu maal ta’uu qaba?

Labsiin yeroo muddamaa rakkoo biyyattii furuuf labsame, biyyattii rakkoo biraaf saaxilaa waan jiruuf labsicha kaasuun tarkaanfii jalqabaa ta’uu qaba jedhu Obbo Baqqalaan.

Kana gochuu yoo danda’an wantoota hafan biroof ka’uumsa ta’uu danda’a amantaa jedhu dhaabi isaanii akka qabus ni dubbatu.

“Labsiin yeroo muddamaa seeraafi heera biyyattii rarraasa, bakka heerri fi seerri rarra’ee jirutti ministirri muummee aangoon qabaatu hin jiru,” kan jedhu Jawaar, tarkaanfiin jalqabaa labsii yeroo muddamaa kaasuu akka ta’e itti walii gala.

Biyyattii gara diimokiraasiitti ceesisuun akkamitti danda’ama waan jedhu irratti mormitoota waliin mari’achuufi hidhamtoota siyaasaa hiikuun tarkaanfiiwwan yeroon kennamuufii hin qabnedhas jedha.

“Ministirri muummee haaroftifi warri isa waliin gara aangootti dhufan akka hoggana cehumsaatti malee akka hoggana idilee kanaan dura biyya bulchaa tureetti of ilaaluu hin qabanis,” jedha.

Namoonni hedduun dhiyeenya mana hidhaatii gadhiifamuun jalqabbii gaariidha kan jedhan Dr. Yohannis, lammiileen biyyattii hedduun ammallee mana hidhaa jiran hiikamuun tarkaanfii jabeeffamee itti adeemamu ta’uu qaba jedhu.

Rakkoo biyyatti mudate keessatti qooda qaba kan jedhan sirni federaaliizimii biyyattiin ittiin bulaa jirtu sirreessuu, lammiilee sababa kanaan qe’ee isaaniirra buqqa’aniif furmaata waaraa kennuufi sadarkaa biyyaa bira taree, hariiroo idil-addunyaafi taateewwan gaanfa Afriikaa keessatti ta’aa jiran to’achuun hoji manee biroodha jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan


Viewing all articles
Browse latest Browse all 117

Trending Articles


Raayyaa abbaa Maccaa Part 1


IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)


Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!


Jechoota Safuu


OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa


What is Cancer? - Oromo


WALALOO HAALA YEROO


Abbaa Gadaa Dabbasaa Guyyoo


Waaltina Afaanii!


seena elemoo qilxuu


AFAAN OROMOO


Mootummoota Oromiyaa durii keessaa



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>