
Biyyakoo Oromiyaa yaa haadha uummata hedduu
Lammii sabakeetiif tokkkummaan kan yaadduu
Teessumni lafakee nama kan hawwatuu
Ana qofa miti hunduu si jaallatu (2)
Seenaan sin dagatu waa’ee kee qorataa
Lammiin Addunyaayuu baay’ee sigaafataa (3)
Albuudi lafakee beektoota hawwataa
Hayyoota hedduutu waa’eekee dubbata(2)
Nu duwwaayyuu miti ormuu siin jiraataa
Biqilaan lafakee nama gammachiisaa
Misoomni omiishakee ormaafuu gaaddisaa
Kan dhufee silaaluu mataa hooqqachiisaa
Qabeenyakee saamuuf hunduu harka ballisaa
Miidhaginakeetiif namni maaf sitti qaxxisaa?
Ati tuqamuukeerra Lubbuukoon siif aarsa!
Naannoonkee ba’eessa hundumaaf mijata
Beelaan kan rakkatu sumarratti baqataa
Addunyaaf horiidhaa biyyeen lafa keetii
Garaa guutuun jedhaa Oromiyaan kooti
Hedduun quba sitti nyaataa biyyako dureetti
Du’een bada malee sin kennu ormatti
Anis muradhee ka’eera simisoomsuuf
Warra si saaman sirraa dhabamsiisuuf
Atis kanuma kooti anis kanuma keetii
Kunuunseen siqaba ati haadhkooti
Kan kana barreessee Beekaa Abdiisaatii
Bakki jireenyakoo magaalaa Finfinneetii
Kanaan na argattu beekaaabdii@gmail.com tiin
Anis isinin eega toora interneetiitiin
Baayyeen isin jaalla lammiikoo nagaatii
Beekaa Abdiisaa